1 Samuel 6:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Lawi Sanduqa Wold'aqisa ka AABBO Waaqatifi sanduqa akheekhi worqi kaani keesa jiru gaari iraa fuud'e d'akha gudda kaani gubba kaye, jennaani worri Beth-Shemeshi sorio gubanifi sorio d'ibi AABBO Waaqaa baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Leewwotaa saanduuqa waadaa Rabbiitii fi saaxinii mi'a worqi'ii uf keessaa qabu ka isa woliin jiru buusanii dhagaa guddaa irra kaayan; guyyaa san namoonni Beetasaamisii ciincaa ibiddaan ciincawu Rabbii dhiyeessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Lewwootaa Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraatii fi saanduqa meya worqi'ii qabu ka isii bira jiru san dhakaa guddaa sanirra keyane; guyyaa san worri Bet-Shemeshii kennansa gubamu dhikeessanee ciincaalle Mootii Waan Maraatiif ciincessane.