1 Samuel 6:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle hantuta worqi shananile dira hayyoota shanani Filisti ka maneeni jajabdu qabuufi ka ollowaani isaani naabo inqamneti erge. D'akhaani guddaani oobru Yoshua, ka worra Beth-Shemeshi, keesa jiru, ka worri Sanduqa Wold'aqisa ira kaye kaani arrale achuma jira aka waan gaafasi tahe kana d'ugeesu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
takka Aqaaroona'aaf laakkobsi fakii worqi'ii ka hantuuta shananii bulchoota shanan worra Filisxeemiitiif qachoota maraafuu akkasuma godhan; qachoonninii fi gandoonni kunniin haga dhagaa guddaa saniiti; saanduuqa waadaa Rabbii dhagaa kana irra kaayan dhagaan kun haga adhaa maasaa Iyyaasuu nama Beetasaamisii keessa jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Laakkossa fakkii hantuutaa ta worqii irraa hujamanelle marroo laakkossa qachoota dalleya dhaka'aa ka bulchitooti Filisxeemotaa shan bulchanu maraatii fi ollaa adaala san jiranuutiif ergane. Dhakaan guddaan ka Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa irra keyane, ka fichaa Iyaasuu nama Bet-Shemeshi keessa le'uu bira jiru sun haga adhaa dhugaa bayaa te'ee achi jira.