1 Samuel 6:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti waan jette, Nu maanini isa ergu malle? Worri waan jed'eeni, Hayyooti Filisti shani, tanaafi akheekha d'ulla ka worqi shanifi ammalle akheekha hantuta shani ka worqi erga. Wonti akanatiifi d'ukuba takati isanifi hayyoota teesani shanani qabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee, «Ciincaan nu'u yakkaaf isaa dhiyeessinu maali'i?» jedhanii gaafatan. Isaanillee, «Balaan isinii fi bulchoota keessan irra geette takkattii waan taateef akka laakkobsa bulchoota worra Filisxeemiitiin sunsuma shanii ka worqii irraa hojjatame ka Iita qabu sunsuma worqii shan ka bifa hantuutaatiin hojjatame dhiyeessaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Filisxeemotille, «Kennansi sababa yakka'aatiif isaaf erginu maan?» jedhanee gaafatane. Isaanille deebisanee, «Balaan isinii fi bulchitoota teessan mara irratti bu'e gosa tokko waan te'eef, akka laakkossa goottolee teessaniititti, fakkii iitaa ta worqii irraa hujamane shanii fi fakkii hantuutaa ta worqii irraa hujamane shan erga'a.