1 Samuel 7:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri Kiriath-Yearimu Sanduqa Wold'aqisa AABBO Waaqa fuud'e mana namicha Abinadabu jed'ani, ka gaara gubati galu, geese ilma isaa Eleazari fohate, aka inni Sanduqa suni qorqoratu harka, isati kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni Qiriyaatiyi'aarimii saanduuqa waadaa Rabbii fuudhanii mana Aminaadaabii ka tulluu gubbaa jiru kaayan; saanduuqa waadaa Rabbii akka eegu ilma isaa Alaazariin adda baasan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti qachaa Kiriiyat-Ya'ariimii dhufanee Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san fudhatanee, gara mana Abinaadaabii ka kooba irra jiruu geessane. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san akka eeguuf ilma isaa Ele'azaar woyyoonsane.