1 Samuel 7:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sanduqi Wold'aqisa AABBO Waaqa guddo lafa Kiriath-Yearimu suni keesa ture haga ganna diddama tae. Haga ganna kana ch'ufa worri Israeli guddo AABBO Waaqati bohe qarqaarsa kad'ate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saanduundhi waadaa Rabbii hennaa dheera'aaf Qiriyaata'aarimiin keessa jiraate; kun haga woggaa diddamaa ta'e; hennaa san worri Israa'elii guddisanii Rabbitti booyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa Kiriiyat-Ya'ariim keessa yennaa dheertuu, gara woggaa diddamaa ture. Kolbaan Israa'elii marti yennaa tana gara Mootii Waan Maraa iyyite.