1 Samuel 7:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Samueli waan worra Israelitini jed'e, Hojja isani AABBO Waaqati garaa keesani ch'ufaani ka deebitani tatani, isani waaqa worra gosa d'ibitifi akheekha waaqa Ashtorethi ufiraa balleesu maltani. AABBO Waaqati ufi kenna, isuma ch'alla kad'ad'a, duuba inni harka worra Filisti keesaa isani baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saamu'eel worra Israa'elii maraanuu, «Yoo onnee teessan guutu'uun gara Rabbii deebitan waaqolee tolfama'aa fi waaqolee tolfamaa astaaroot jedhaman uf keessaa balleessaa'a; qalbii guutu'uun gara Rabbii deebi'aa'a; isuma callaa waaqeffadhaa'a; inni harka worra Filisxeemii jalaa isin baasaa» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saamu'el kolbaa Israa'eliitiin, «Isin gadhaa keessan tokkochaan gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, waaqota ormaa fi waaqa dharaa Ashitaaroti odduu teessanii balleessa'a; gadhaa keessan tokkochaan gara Mootii waan Maraa deebi'a'aatii isa qofa tajaajila'a; innille harka Filisxeemotaa jalaa isin hin baasa» jedhe.