1 Samuel 7:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mispati wolwoldaani jennaani bisaani woraabani ammalle aka d'ibaayu AABBO Waaqa lafati naqani, guyya suni ch'ufa agabuuni oolaani waan jed'ani, Nu yayu AABBO Waaqati ch'ubbamne. (Fulla Mispa suniti Samuelini dubbi worra Israeli qore.)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee tokko ta'anii Mitsipha'atti wol gayanii bisaan woraabanii Rabbiin afo'otti jissanii soomanii guyyaa san «Rabbiin yakkineerra» jedhan; Saamu'eel Mitsipha'atti worra Israa'eliitii murtii kenna'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan Miispha'atti wolitti qabamanee, bisaan woraabanee Mootii Waan Maraa duratti dhangalaasane; guyyuma san laamanee, «Nuuti Mootii Waan Maraa yakkineerra» jedhanee cubbuu ifii faaci'atane. Saamu'elille Miispha'atti Israa'elootatti mure.