1 Samuel 9:13 — Compare Translations
2 translations compared side by side
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa qachattii seentan namni ciincaa san dhiyeessu isa waan ta'eef uduu inni hin baane baniin waan womaa afaaniin hin qabneef; achiin maayessa worri waamaman uduu waa nyaatanii dhugu'uuf gaara hulee itti sagadan irra hin baane, hennaa san waan isa argitaniif daddafa'aa ol bayaa'a» isaaniin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin yennuma qachaa seentane, inni nyaatiisaaf gara addee Waaqonfanna'aa ol adoo hin bayin isa hin dhaggitan. Ciincaa dhikaate inni waan eebbisuuf, adoo inni hin dhufin kolbaan hin nyaattu; achiin duuba worri affeerame hin nyaata. Yennuma tana waan isa dhaggitanuuf, ol baya'a» jedhanee deebisane.