1 Samuel 9:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bori hojja tana anini nama gosa Benjamini siti erga; Duuba atini isaa muudi, hayyu worra kiyya ka Israeli tolchi, isati worra kiyya harka worra Filisti keesaa baasa. Anini yayu gaargala worra kiyya arge boha worrale d'agaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani boru hennaa akkanaa kana nama gosa Biiniyaamii tokko gara kee ergaa booyicha banii kiyyaa waan argeef bulchaa banii kiyya ka Israa'elii akka ta'u naa muudda; inni banii kiyya Israa'eliin Filisxeemiin jalaa baasa» jedheenii ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Boru yennaa tana biyya Beniyaaminiitii nama tokko gara keeti hin erga; kolbaa tiyya Israa'el irratti akka inni bulchaa te'u isa muudi; inni kolbaa tiyya harka worra Filisxeemotaa jalaa hin baasa; iyyi isaanii gara kiyya waan dhaqqaddeef, kunoo, ani kolbaa tiyya ilaaleera» jedhe.