1 Samuel 9:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sauloni waan jed'eeni, Anini gosa Benjaminiti, gosa Israeli ch'ufa ira diqo; ammalle gosa teenna suni keesale balbalti teenna balbala ch'ufa ira diqo. Atini maanifi dubbi aka tana nani jette re?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saa'ol Saamu'eeliin, «Ani nama gosa Israa'elii maatii diqqaa Biiniyaamiin keessaatii mitii?; worri kiyyallee worra diqqaa Biiniyaamiin keessaatii mitii? waan akkanaa kana maaf natti himte?» Jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saa'ol deebisee, «Ani gosa Israa'elii keessaa gosa diqqoo sanyii Beniyaaminiitii motii ree? Sanyiin tiyya sanyii Beniyaaminii mara keessaa diqqo'oo motii ree? Ati maaf waan akkasii natti dubbatta ree?» jedhe.