1 Samuel 9:24 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani namichi fooni d'aabu kaani fooni miila dansaani d'ufe Saulo dura kaye. Samuelini waan jed'eeni, Fooni olsikayani kana nyaad'i. Anini fooni kana sifi olkaye, aka atini hojja tana nama anini yaame kana woliini nyaatu. Duuba guyya suni Saulofi Samuelini sagale woliini nyaatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi mana itto'oo keessa hojjatu sunillee foon lukaatii fi ka isa woliin jiru maraa fuudhee Saa'oliin jala kaaye; Saamu'eel Saa'oliin «Foon kun foon mishaa siif hojjatti kaayame; keessummoota kanniin woliin akka nyaattuuf waan sii qopheesseef foon kana nyaadhu» jedheen; guyyaa san Saa'ol Saamu'eeliin woliin nyaate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre tajaajilaan ittoo qopheessu sun foon lukaa akkuma jiruun fidee Saa'ol dura keye; Saamu'el, «Kunoo, ani haga keessumoota waameen jalqabee qooda si'iif maffameeru waan te'eef nyaadhu» jedheen. Maarre Saa'ol guyyaa san Saamu'el woliin nyaate.