1 Thessalonians 1:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa nuuti gara keesan dhunne attam akka nu fudhattane, Waaqa jiraata'aa fi dhugicha tajaajiliisaaf, waaqota dharaa irraa deebitaanee, gara Waaqaa attam akka deebitane isaanuu hin himan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ch'ufti waan gaafa nu gara keesani d'umne, ka isani aka dansa nu bulchitani, dubbata, aka isani waan harkaani boch'ani lakiftani Waaqati deebitani, Waaqa d'uga ka jiru hojattani,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii cuftii waan gaafa nu gara keessan dhumne, ka isan akka dansaa nu bulchitan dubbata, akka isan waan tolchanii waaqeffatan lakkiftanii Waaqatti deebitani, Waaqaa dhugaa ka jiruu hojjattani,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanuu gara keessan dhufnee attamitti akka jiraanne, waan keenna waan dubbataniif, Waaqa jiraata'aa fi ka dhuga'aa akka tajaajiltan,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanuu gara keessan dhufnee attamitti akka jiraanne, waan keenna waan dubbataniif, Waaqa jiraata'aa fi ka dhuga'aa akka tajaajiltan, Ilma ufii ka du'a keessaa kaase, Yesuusii lola dhufu jalaa nu hambisu, samii irraa akka eeddan waaqota tolfamaa irraa gara Rabbiititti attamitti akka deebitan isaanuu hin ragan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara keessan yeroo dhufinnetti attamitti akka ufitti nu fudhattan, Waaqa jiraata'aa fi dhugaalessa tajaajilu'uuf, waaqolee harkaan hojjataman irraa fooyamittanii gara Waaqaa attamitti akka deebitan, namoonni sunniin mataan isaaniituu ragaa ni bayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa nuuti gara keessan dhunne attam akka nu fudhattane, Waaqa jiraata'aa fi dhugicha tajaajiliisaaf, waaqota dharaa irraa deebitanee, gara Waaqaa attam akka deebitane isaanuu hin himan.