1 Thessalonians 2:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya, gara keessan dhufiis keenna ka gatii hin qanne akka hin te'in isinuu hin beettan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isaniyu imbeetani, oboleyaani teenna, aka imaltuuni nu gara keesani d'anne guddo wo baate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan teenna, akka imaltuun nu gara keessan dhandhee wa baate isanuu inbeettan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufuun keenna akka duwwaa hin taane isinuu hin beettan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleeyyan tiyya! Gara keessan dhufuun keenna duwwaa akka hin taane hin isinuu hin beettan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! Gara keessan dhufuun keenna gati dhabeessa akka hin ta'in, isin mataan keessanuu ni beekittan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya, gara keessan dhufiis keenna ka gatii hin qanne akka hin te'in isinuu hin beettan.