1 Thessalonians 2:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti marroo teessaniif yennaa maraa waan Waaqa galateeffannu qanna. Jecha Waaqaa, ka nuuti isiniif lallanne yennaa dhageettane, akka dubbii namaa adoo hin te'in akka jecha Waaqaatitti fudhattaneertan; jechi kun dhugumaan jecha Waaqaa, kama isin worra dhugeeffattane keessatti hujiisatti jiru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle maro waan kanatifi nu hojja ch'ufa galata Waaqa deebimna. Gaafa nu dubbi Waaqa isanii d'umneeni, isani aka dubbini suni ta namatiini, ammo d'uguma dubbi Waaqaa ch'aqaftani d'ugefattani. Waaqi jiddu isani worra d'ugefate hojachu jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammalle marroo waan kanaatiif nu yo cufaa galata Waaqaa deebimna. Gaafa nu dubbii Waaqaatiin isanii dhumne, isan akka dubbiin sun ta namaatiin, ammoo akka dubbii Waaqaa caqaftanii; dhugeffattan. Isiinuu dhuguma dubbii Waaqaati. Waaqi jidduu isanii warra dhugeeffatee hojjachuuti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu dubbii maleekkotaa, innillee dubbii Rabbii hennaa nu irraa fudhattan, dhugaa isin keessa jiru isin worra amantan birattillee akkasuma akka hojjatu akka dubbii Rabbiititti malee akka dubbii namaa gootanii waan hin fudhanneef, nullee hennaa maraa uduu addaan hin kunne Rabbiin galatoonfanna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu dubbii maleekkootaa, innillee dubbii Rabbii hennaa nurraa fudhattan, dhugaa isin keessa jiru isin worra amantan birattillee akkasuma akka hojjatu akka dubbii Rabbiititti malee, akka dubbii namaa gootanii waan hin fudhanneef, nullee hennaa maraa uduu addaan hin kunne Rabbiin galateeffanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana waayee keessaniif uduu addaan hin kutin sababaa Waaqa ittiin galateeffannu ni qabnna, kun'llee dubbii Waaqaa ka nurraa dhageettan yeroo fudhattanitti, isin amanttoota keessatti ka hojjatu dubbii kana ka fudhattan akka dubbii namaa titti uduu hin ta'in, akka dubbii Waaqaa taasfttaniiti. Dhugamattuu ammoo dubbii Waaqaati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti marroo teessaniif yennaa maraa waan Waaqa galateeffannu qanna. Jecha Waaqaa, ka nuuti isiniif lallanne yennaa dhageettane, akka dubbii namaa adoo hin te'in akka jecha Waaqaatitti fudhattaneertan; jechi kun dhugumaan jecha Waaqaa, kama isin worra dhugeeffattane keessatti hujiisatti jiru.