1 Thessalonians 2:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya, isin fakkeenna worra biyya Yihuda'aa, ka Yesuus Kiristoosiin wolde'oota kiristaana Waaqaa te'anee hordottaneertan. Akkuma isaan harka worra Yihudootaatitti rakkatane, isinille harka kolbaa teessaniititti rakkattaneertan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isanileeni, oboleyaani tiyya, akuma gumiini Waaqa ta Kristo, Yeso, ta Yudea keesa jirtu taate, taatani. Akuma worri lafa teesani isani gaargalche, akuma suni worrale Yahudiini
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan tiyya, isanilleen, akkuma gumiin Waaqaa; ta Kiristoo Yesus, ta Yihudaa keessa jirtu taate, taatan. Akkuma warrii lafa teessanii isan gaargalchee, akkuma sun warrallee Yahudiin gaargalchiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin obboleeyyan tiyya, worra Yihuudaa jiraatan ka Yesuus Kiristoositti amananii worra woldaa Rabbii fakkaatan taataniirtan; akkuma worra Yihuudotaa irraa rakkinni isaan irra gaye, isinillee akkasuma rakkinni akkasii sun namoota biyya keessanii irraa isin irra gayeera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin obboleeyyan tiyya, worra Yihuudaa jiraatan ka Kiristoos Yesuusitti amananii Woldaa Rabbii worra fakkaatan taataniirtan; worra Yihuudotaa irraa akkuma rakkinni isaan irra gaye; isinillee akkasuma rakkinni akkasii sun namoota biyya keessanii irraa isin irra gayeera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan, Isin'llee worra arddii Yihuda'aa titti argaman Yesus Kristositiin fakkeennummaa woldayoota amanti'ii horddofttanii jirttan, akkuma Yihudotaan rakkinni isaan irra gaye maraatti isin'llee woruma keessaniin, rakkinni isin irra ni gaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya, isin fakkeenna worra biyya Yihuda'aa, ka Yesuus Kiristoosiin wolde'oota kiristaana Waaqaa te'anee hordottaneertan. Akkuma isaan harka worra Yihudootaatitti rakkatane, isinille harka kolbaa teessaniititti rakkattaneertan.