1 Thessalonians 2:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti waan guddoo isin jaalannuuf, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte callaa adoo hin te'in, jiruu teennalle isiniif qoodiisaaf qophoonneerraayyu. Sababille isin jaalota teenna!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro jaalala nu isani jaalanneefi, nu kurfo jirra aka Odu Dansa ta Waaqa ch'alla isanii kenninuuniti, ammo aka jireenna keennale isanii kenninu. Nu guddo isani jaalanne!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu marroo guddoo isan jaalanneef, jaalala teenna guddoo sun irraa kaanee oduu dansaa Waaqaa callaa isanii hinkenninee akka jireenna keennallee isani kenninu nu kurfoo jirra.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma isin jaalata'aa Dubbii Nagayaa ka Rabbii qooduu callaa uduu hin taane, lubbuu teennallee akkasuma isinii keennuun fedhaa fi jaalala keenna; waan jaalatamtoota keenna taataniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma isin jaalata'aa Oduu Nagayaa ka Rabbii qooduu callaa uduu hin taane, lubbuu teennallee akkasuma isinii keennuun fedhaa fi jaalala keenna. Waan jaalatamtoota keenna taataniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana haalaan waan isin jaalannuuf, wongeela Waaqaa isiniif lallabuu qofa uduu hin ta'in, lubbuma keenna'llee isinii kennu'uuf qophaayota turre.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti waan guddoo isin jaalannuuf, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte callaa adoo hin te'in, jiruu teennalle isiniif qoodiisaaf qophoonneerraayyu. Sababille isin jaalota teenna!