1 Thessalonians 3:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugeeffanna'atti akka isin jabeessuu fi jajjabeessu, obboleessa keenna ka lallabaa Oduu Gammadaa ta Kiristoosii te'ee, nu woliin Waaqaaf tajaajilu Ximootewoos gara keessan ergineerra.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
oboleesa keenna Timotheo, ka nu woliini Waaqa hojate Odu Dansa ta Kristo odeesu ergine. Nu isa ergine, aka inni isani jabeese d'ugefacha teesani qarqaaru,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
obboleessa keenna Ximotewos, ka nu waliin Waaqaa hojjatee oduu dansaa Kiristoo odeessu ergine. Akka innii isan jabeessee dhugeeffachaa teessan qarqaaru, nu isa ergine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan amantii keessaniitiif akka isin jajjabeessuu fi akka isin gorsu, obboleessa keenna tajaajilaa Rabbii ka nu woliin Dubbii Nagayaa Kiristoosii hojjatu Ximootewoosiin gara keessan ergineerra.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan amantaa keessaniitiif akka isin jajjabeessuu fi akka isin gorsu, obboleessa keenna tajaajilaa Rabbii ka nu woliin Oduu Nagayaa Kiristoosii hojjatu Ximotiwoosiin gara keessan ergineerra.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Obboleessa keennaa fi tajaajilaa Waaqaa ka ta'e, gammachuu oduu misha'aa Kristosii lallabu'uun waahelli hujii keennaa ka ta'e Ximotewosiin isinii erginee jirra, ka isinii ergine'llee akka isin jajabeessuu fi amanti'iin'llee akka jajabaattan, akka isin gorssu'uuf,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugeeffanna'atti akka isin jabeessuu fi jajjabeessu, obboleessa keenna ka lallabaa Oduu Gammadaa ta Kiristoosii te'ee, nu woliin Waaqaaf tajaajilu Ximootewoos gara keessan ergineerra.