1 Thessalonians 3:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waan kanaaf ani kana caalaa ossuu dadhannaan, Seexanni isin ataabee hujiin teennaalle tola fa'a baddee jiraatti jedhee sodaadhee, dhugeeffannaa teessan beekiisaaf Ximootewoos erge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi anini obsu dad'abe Timotheo erge, D'aqi, d'ugefacha worra suni ilaali jed'eeni, aka Sheet'ani isani ilaalate, hujiini teenna ch'ufti lafati inhamne!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo waan kanaatiif anin obsuu dadhabee Ximotewos ergee akka Sheexanii isan laallatee, hujiin teenna cuftii lafatti hinhamne, “Dhaqii, dhugeeffachaa warraa sun laali” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantii keessan beeku'uuf isa ergeera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan kanaaf anillee akkasuma hennaa obsuu dadhabe, maal laataa seexanni nama ataabu isin ataabeera. Dadhabbiin keennallee duwwaa ta'eera jedhee waan sodaadheef, amantaa keessan beeku'uuf isa ergeera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waayee kanaan ammaa achitti obissaan eeguu dadhabuu kiyyaan waayee amantii keessan beeku'uuf barbaadee Ximotewosiin gara keessan ni ergeen, isa'llee sababaan ergeef qorataan yookiin karaa tokkoon isin qormaatee ni ta'a, hujiin keenna'llee tasa ta'ee hafee jira jechu'uun sodaadheeti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan kanaaf ani kana caalaa ossuu dadhannaan, Seexanni isin ataabee hujiin teennaalle tola fa'a baddee jiraatti jedhee sodaadhee, dhugeeffannaa teessan beekiisaaf Ximootewoos erge.