1 Thessalonians 3:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Amma ammoo Ximootewoos isin biraa deebi'ee, marroo dhugeeffanna'aa fi jaalala keessanii oduu nu gammachiittu fidee dhufeera. Akka isin yennaa maraa waan dansa'aan nu yaadattanuu fi akkuma nuuti isin dhaggiisaaf guddoo dharraanu, isinille akka nu dhaggiisaaf dharraatanu inni nutti hime.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Timotheoni amma ya fulla teesani nuti deebie, ya Odu Dansa ta d'ugefachaafi jaalala teesani nutiini gale. Inni ya aka isani hojja ch'ufa waan keenna dansa hereddani nuti hime, ammalle akuma nu isani argu feenu isanileeni nu argu feetani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ximotewos amma gara keessanii deebi'ee, oduu dansaa ta dhugeeffachaa fi jaalala teessaniitiin nuti gale. Inni ya akka isan yo cufa waan keennaa dansaa herreddanii ammallee akkuma nu isan arguu feenu isanilleen nu arguu feetan nutti hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma ammo Ximootewoos isin biraa gara keenna dhufee waan amantii keessaniitii fi waan jaalala keessanii oduu nama gammachiisu hennaa nutti hime, nullee isin argu'uuf akkuma yaannu, akka nu argitan yaada'aa hennaa maraa isin waan keennaaf mishaa akka yaaddan nutti hime.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amma ammoo Ximootiwoos isin biraa gara keenna dhufeeti, waan amantaa keessaniitii fi waan jaalala keessanii oduu nama gammachiisu hennaa nutti hime, nullee isin argu'uuf akkuma yaannu, akka nu argitan yaada'aa hennaa maraa isin waan keennaaf mishaa akka yaaddan nutti hime.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma garuu Ximotewos isin biraa gara keenna dhufee, waayee amantii keessaniitii fi waayee jaalala keessanii'llee odduu gammachiisu nutti himee jira, akkuma kana isin'llee yeroo maraa waan misha'aan akka nu yaadattanii fi nu'u isin argu'uuf, haguma isin yaadinnuun isin'llee nu argu'uuf akka yaaddan, nutti himee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma ammoo Ximootewoos isin biraa deebi'ee, marroo dhugeeffanna'aa fi jaalala keessanii oduu nu gammachiittu fidee dhufeera. Akka isin yennaa maraa waan dansa'aan nu yaadattanuu fi akkuma nuuti isin dhaggiisaaf guddoo dharraanu, isinille akka nu dhaggiisaaf dharraatanu inni nutti hime.