1 Thessalonians 4:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin dhugumaan dhugeeffattoota biyya Maqedooniya'aa keessa jirtulle duudii jaalattan. Maarre obboleeyyan tiyya, kana caalaalle akka jaalattanu isin gorsina.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle oboleyaani Makedonia keesa jirtu ch'ufa ya akasi jaalattani. Tanaafi nu isani kad'anna, oboleyaani, aka hagasira jaalattani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee isan obboleeyyan Maqedooniyaa keessa jirtu cufa ya akkas jaalattan. Tanaaf obboleeyyan nu, akka hagasillee irra jaalattan isan kadhanna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasumallee Obboleeyyan Maqedooniyaa keessa jiran maraaf waan gootaniif. Haa ta'uu ammo obboleeyyan tiyya! ka duraa caalaa akka baay'attan, cadheensaanillee akka jiraattan, akka hinaaftan, waan keessan irrattillee akka uf eeddan, akkuma nu isin ajanye worra hin amanne jiddu'utti haalaan akka jiraattan, waan isiniif barbaachisuufillee harka namaa irraa akka hin eegganne harka keessaniin akka hojjattaniif isin kadhanna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasumallee Obboleeyyan Maqedooniyaa keessa jiran maraaf waan gootaniif. Haata'uu ammoo Obboleeyyan tiyya, ka duraa caalaa akka baayi'attan cadheensaanillee akka jiraattan, akka hinaaftan, waan keessan irrattillee akka uf eeddan, akkuma nu isin ajanye, worra hin amanne jiddu'utti, haalaan akka jiraattan, waan isiniif barbaachisuufillee harka namaa irraa akka hin eegganne, harka keessaniin akka hojjattaniif isin kadhanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Obboleeyyan Maqedooniyaa guutuu keessa jiran maraa ni jaalattan, ta'u'llee yaa obboleeyyan, amma ka isin gorssinu caala'atti akka jaalattaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin dhugumaan dhugeeffattoota biyya Maqedooniya'aa keessa jirtulle duudii jaalattan. Maarre obboleeyyan tiyya, kana caalaalle akka jaalattanu isin gorsina.