1 Thessalonians 4:12 — Compare Translations
5 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Karaa kanaan worra hin dhugeeffatin biratti ulfinna dhaggattan; waan isiniif barbaachisulle harka namaa irraa hin eegattanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akanaani worri ind'ugefatiini isanii ch'eere foka, duuba akasiini waan feetani nama tokole inkad'attani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkanaan waan feetan nama tokkollee hinkadhattan, warrii hindhugeeffatinilleen isanii ceeree fokka.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bifa kanaan namoota hin amanne biratti ka bajamittan ni taatan, maxanaa eennuu'llee hin taatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Karaa kanaan worra hin dhugeeffatin biratti ulfinna dhaggattan; waan isiniif barbaachisulle harka namaa irraa hin eegattanu.