1 Thessalonians 4:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Qoonqoo ajaja gudda'aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e, dursee hin ka'a;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qonqo jabeennati d'ufa, qonqo malaika guddo, qonqo magalata Waaqa, Aabbooni gaafasi gubbaa gadi bua! Worri ato Kristo d'ugefatu due qara duisa keesaa kaa;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qoonqoo ajaajaatti; qoonqoon maleekka guddaa, qoonqoon magalata Waaqaa dhufa. Aabboon gaafas gubbaa gadi bu'a, qaraa warrii adoo Kiristoo dhugeeffatuu du'ee du'aa ka'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gooftaan inninuu ajajaan laagaa bulchaa Maleekka'aatiin, laagaa xurumbaa Rabbiitiinillee sami'ii waan bu'uuf worri Kiristoosiin amananii du'an firrisanii ka'an.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gooftaan inninuu ajajaan laagaa bulchaa Maleekka'aatiin laagaa xurumbaa Rabbiitiinillee sami'ii waan bu'uuf, worri Kiristoosiin amananii du'an firrisanii ka'an.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qoonqqa ajajaa, qoonqqa itti gaafatamaa maleyikkootaa, xurunbbaan laali'ii Waaqaa'llee ni dhagayama, Gooftaan mataan isaatuu kanniiniin marffamee sami'ii ni bu'a, Kristostti amananii worri du'an'llee durssanii ni ka'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qoonqoo ajaja gudda'aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e, dursee hin ka'a;