1 Thessalonians 4:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
achiin duuba nuuti worri adoo hin du'in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta'aan wolde'iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraallee Goottaa woliin leena.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
nu worra gaafasi jirru ch'ufa dumansa keesati worra kaani woliini wolti guurani, gubbati Aabbooni wolwoldeenna. Duuba guyya ch'ufa Aabbo woliini teena.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Achiin duubatti nu warra lubbuun jirru cufa dumansaa keessatti warra du'ee ka'e kaaniin walti guuranii, gubbaatti Aabboon wal waldeennee guyyaa cufaa Aabboo waliin teenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayii nu worri jiraata'aarru, Gooftaa qilleensa irratti reebbachu'uuf isaan woliin duumessaan ol fudhatamna. Achiin maayii hennaa maraa Gooftaa woliin jiraanna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayii, nu worri jiraata'aarru, Gooftaa qilleensa irratti reebbachu'uuf isaan woliin duummeessaan ol fudhatamna. Achiin maayii hennaa maraa Gooftaa woliin jiraanna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti nu'u worri lubbu'uun argaminnu Gooftaa qilleenssa gubba'atti simachu'uuf, isaaniin woliin duumessaan ol ni butaminna, bara baraaf'llee Gooftaa woliin ni jiraanna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
achiin duuba nuuti worri adoo hin du'in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta'aan wolde'iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena.