1 Thessalonians 4:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Marroo wol jaalatiisaa isinuu Waaqa irraa waan barattaneef attam akka wol jaalattanu barreesiisa hin barbaachisu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti anini, Nama d'ugefatu jaalad'a jed'e t'aafuufi injirtu. Waaqi ya aka isani woli jaalattani isani barsiise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii anin, “Wal jaaladhaa” jedhee barreessuuf hinjirtu. Waaqinuu ya akka isan wal jaalattan isan barsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan wol jaalachuu obboleeyyanii isinii barreessuun hin barbaachisu. Wol jaalachuun akka isin barbaachisu isinuu Rabbiin irraa waan barattaniirtaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan wol jaalachuu obboleeyyanii isinii barreessuun hin barbaachisu. Wol jaalachuun akka isin barbaachisu isinuu Rabbiin irraa waan barattaniirtaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waayee ufii keessan wol jaalachu'uu isin mataan keessanuu Waaqa irraa waan barattaniif, waayee dhimmichaa womaayyuu isiniif barreessuu hin barbaachisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Marroo wol jaalatiisaa isinuu Waaqa irraa waan barattaneef attam akka wol jaalattanu barreessiisa hin barbaachisu.