1 Thessalonians 5:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi'iif nu hin waanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi aka nu dalansu isaatiini gaargalu nu imfohanne, ammo aka baafama maro Aabbo keenna Yeso Kristotiifi argannuufi nu fohate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii akka nu dallansuu isaatiin gaargallu nu hinfoohannee, ammoo akka baafama marroo Aabboo keenna Yesus Kiristootii jennee argannuuf nu foohate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi dheekkamsaaf nu hin fille; fayyinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii haa argannu'uuf malee.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi dheekkamsaaf nu hin file. Fayyinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii haa arganu'uuf malee.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni ka nu waame dallansu'uuf uduu hin ta'in karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, fayyinna akka argannuuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi'iif nu hin waanne.