1 Timothy 1:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugeeffanna'aa fi jaalaltii Yesuus Kiristoosiin dhaggantu woliin badhaadhi guddaan Goottaa keennaa anaaf dhangala'eera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle Aabbooni eeba ufi guddise naa kenne, d'ugefachaafi jaalala ta Kristo Yeso keesati teenna taate woliini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aabboon eebba ufii ta karaa dhugeeffachaa fi jaalala Yesus kiristoo irraa argatan ya guddisee naa kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Badhaani worra Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessa jiraniin amanti'ii fi jaalalli guddisee isaanii guddate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Badhaani worra Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessa jiraniin amanta'aa fi jaalalli guddisee isaanii guddate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kennaan bilisaa ka Waaqa keennaa, Yesus Kristosiin keenna ka ta'e amanti'ii fi jaalala woliin irraa hafaa ta'ee, naaf ni kenname.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugeeffanna'aa fi jaalaltii Yesuus Kiristoosiin dhaggantu woliin badhaadhi guddaan Goottaa keennaa naaf dhangala'eera.