1 Timothy 1:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dubbiin, “Kiristoos Yesuus cubbaaleyyii fayyisiisaaf gara biyya lafaa dhufe” jettu dhugiti'ii fi guutuma guutu'utti ta fudhatamuu malte. Cubbaaleyyii san keessaalle'ee, cubbaalessi sara tare ana.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jechi kuni ka d'ugaati, fud'atani d'ugefachu malani: Kristo Yesoni aka nama daba baasuufi lafa d'ufe. Guddaani worra suni ana,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jechii, “Kiristoo Yesus akka namaa dabaa baasuuf lafa tana dhufe” jedhu kunin jeecha dhugaa ka namii cuftii fudhachuu male. Warra cubboolee keessaallee anin nama nama cufaa irraa cubbichaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbiin, «Yesuus Kiristoos cubbamtoota fayyisu'uuf gara biyya lafaa dhufe» jedhu amanama'aa fi ka martinuu fudhatuu barbaachisu. Cubbamtoota keessaa ijoon ana.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Cubbamtoota fayyisu'uuf Yesuus Kiristoos gara biyya lafaa dhufe» dubbiin jedhu amanama'aa fi ka martinuu fudhatuu barbaachisu. Cubbamtoota keessaa ijoon ana.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Yesus Kristos cubbamoota fayyisu'uuf gara biyya lafaa ni dhufe» dubbiin jedhu, dhugaalessaa fi naminni marrinuu fudhachuu ka qabu, cubbamoota mara irraa ka caalu cubbamaan ana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubbiin, «Kiristoos Yesuus cubbaaleyyii fayyisiisaaf gara biyya lafaa dhufe» jettu dhugitti'ii fi guutuma guutu'utti ta fudhatamuu malte. Cubbaaleyyii san keessaalle'ee, cubbaalessi sara tare ana.