1 Timothy 1:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Teetu malee, Yesuus Kiristoos worra cubbaaleyyii keessaa, ana cubbaaleessa sara tareef ossa ifii ka haga hin qanne mudhisiisaaf, worra isatti dhugeeffatu'uu jiruu fi worra jiruu bara baraa dhaggatu'uu jiruuf, fakkeenna akka te'uuf marartii isaa dhaggadheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo maro tanaafi Waaqi ka ana gudda worra dabati nahe, aka Kristo Yesoni obsa ufi narati agarsiisu, aka anini worra hegeri isa d'ugefate jireenna argatu akheekha tahu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Taatullee, Yesus kiristoon akka anin warra jireenna barabaraa dhugeeffatee jireenna argatuu fakkenna ta'u, na nama nama cufaa irra cubbichaatii araaramee, obsa ufii narratti mullise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kanaaf ammo jireenna bara baraa argachu'uuf worra isatti amanuuf jireennaaf fakkeenna akka ta'u Yesuus Kiristoos ana ijoo ta'e irratti obsa ufii mara mudhisu'uuf ani araara argadhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan kanaaf ammoo jireenna bara baraa argachu'uf worra isatti amanuuf jireennaaf fakkeenna akka ta'u Yesuus Kiristoos ana ijoo ta'e irratti obsa ufii mara mudhisu'uuf ani araara argadhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu dhiifamnni naaf ni taasfame, dhiifamnni ka naaf taasfame'llee Yesus Kristos obissiinsa isaa ka daangaa hin qabnne, ana cubbamaa ta'e ka maraa caaluu irratti muldhisuu isaatiin, worra isatti amananii jireenna bara baraa argatanii fi fakkeenna akka ta'uuf.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Teetu malee, Yesuus Kiristoos worra cubbaaleyyii keessaa, na cubbaalessa sara tareef ossa ifii ka haga hin qanne mudhisiisaaf, worra isatti dhugeeffatu'uu jiruu fi worra jiruu bara baraa dhaggatu'uu jiruuf, fakkeenna akka te'uuf marartii isaa dhaggadheera.