1 Timothy 1:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa gara Maqedooniya'aa dhaqu'uuf ka'e akkuma sitti hime kaan, worra garii ka barsiisa sobaa achitti barsiisu, biyya Efesoonii keessa teettee akka isaan dhooggitu fedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini si Efeso keesa teetu fed'a, akuma anini gaafa Makedonia deeme siti hime kaani. Nami gari achiti dubbi d'ara barsiisu jira, jara suniini, Lakisa jed'i.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma anin gaafa Maqedooniyaa deeme sitti hime kaanii, sii Efesoo teettee warra dubbii dharaa achitti barsiisuu jiru sun dhowartu fedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa gara Maqedooniya'aa deeme gari gariin barumsa addaa akka hin barsiifneef gara mammaaka dhuma hin qabnee, seenaa dhalootaa akka hin caqafne, akka isaan ajaju Efesooniin keessa akka teettu sii kadhadhe. Wontoonni akkanaa kunniin wol mormii waan fidaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa gara Meqidooniya'aa deeme gari gariin barumsa addaa akka hin barsifneef, gara mammaaka dhuma hin qabinee, gara seenaa dhalootaa akka hin caqafne, akka isaan ajaju Efesooniin keessa akka teettu sii kadhadhe. Wontoonni akkanaa kunniin wol mormii waan fidaniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara Maqedooniyaa yeroo deemutti akkuma yaboo siin jedheen namoonni achi jiran tokko tokko barsiisa sobaa akka hin barsiifinne akka taasfttu, Efesooniin taa'i.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa gara Maqedooniya'aa dhaqu'uuf ka'e akkuma sitti hime kaan, worra garii ka barsiisa sobaa achitti barsiisu, biyya Efesoonii keessa teettee akka isaan dhooggitu fedha.