1 Timothy 1:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Oduu duriitii fi laakkossa sanyii abbooti'ii ka dhuma hin qanne, akka lakkisanu isaanitti himi. Wonni isaan godhanu kun moromaa callaa kaatti malee, hujii Waaqaa ta dhugeeffanna'aan hujantuuf ta teetuu moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Odu duritiifi maqa heddu ka ababoota, Lakisa jed'iini; wonti kunini wolmormiti ch'allaani d'ufti; fed'i Waaqa ta d'ugefacha ch'allaani beekhani inguutu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Oduu duriitii fi waan muummee hinqamne ka hidda dhalootaa walii hedan sunii wal mormii uumuu malee akka hujii isan dhugeeffachaan Waaqaa tolchitanii homaa hin baannee warraatti him.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunniin hujii Rabbii ka dhuga'aan hojjannuuf womaa hin fayyadu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunniin hujii Rabbii ka dhuga'aan hojjanuuf womaa hin fayyadu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara mammaakaa fi gara laakkofssa dhaloototaa ka muummee hin qabnne akka hin deebineef isaan ajaji, wonittoonni kunniin mormmii fidan malee amaniti'iin hujii raawwatamu ka Waaqaatiif, hin fayyadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Oduu duriitii fi laakkossa sanyii abbooti'ii ka dhuma hin qanne, akka lakkisanu isaanitti himi. Wonni isaan godhanu kun moromaa callaa kaatti malee, hujii Waaqaa ta dhugeeffanna'aan hujantuuf ta teetuu moti.