1 Timothy 1:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma seerri worra balchootaaf akka hin tumamin hin beenna; seerri worra seera balleessuuf, yakkaameyyi'iif, worra Waaqa malee jiraatanuuf, worra cubbaaleyyi'iif, worra woyyummaa hin qanneef, worra dhugeeffannaa hin qanne, worra abbaa yookiin hadha ijjeesuuf, ijjeettu'uuf,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo wonti hubachu malani, seera nama dansaafi imid'aasine ammo worra akana tolchuufi mid'aasani — ka seera ch'absufi, ka wo yakufi ka Waaqa imbeenneefi ka daba tolchuufi worra aada Waaqa qulqullo gula iyaanefi worra abbaafi haad'a ufi ijeesufi ka nama fit'ufi
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii hubachuu malan seeri nama dansaaf hin baamne; ammoo warra seera cabsuufaa, ka wayi yakkufaa, ka Waaqaa hin beennefaa, ka daba tolchufaa, ka aadaa Waaqaa qulqulloo gula hin yaanefaa, warra haadhaa-aabbaa ufii ijjeessufaa, ka nama fixufaa,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kun worra yakkamtoota, worra hin ajajamne, worra hamaa hojjatan, cubbamtoota, worra woyyummaa hin qabne, battoota, worra abba'aa fi haadha ufii ajjeesan, worra nama ajjeesan, seebartoota, worra dhiira woliin ciisan, worra namoota bitee gurguru, worra kijibdootaa fi worra dharaan kakatu, worra faallaa barumsa dhuga'aa godhan maraaf; barumsi dhuga'aa ammo ka argamu, Dubbii Nagayaa kabajjamaa ka waan Rabbii eebbaa ibsuuti. Dubbii Nagayaa kanatu yaboo natti kenname.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunillee worra yakkamtoota, worra hin ajajamne, worra hamaa hojjatan, cubbamtoota, worra woyyummaa hin qabne, battoota, worra abba'aa fi haadha ufii ajjeesan, worra nama ajjeesan, seebartoota, worra dhiira woliin ciisan, worra namoota bitee gurguru, worra kijibdootaa fi dharaan kakatuu fi worra faallaa barumsa dhuga'aa godhan maraaf, barumsi dhuga'aa ammo ka argamu, Oduu Nagayaa kabajjamaa ka waan Rabbii eebbaa ibsuuti. Oduu Nagayaa kanatu yaboo natti kenname.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
akkuma kanaan'llee seerri ka hojjatame namoota mishaawwanii akka hin ta'in ni beekinna, seerri ka hojjatame hamaaleyyi'ii fi yakkamttootaaf, worra Waaqa hin waaqeffanne cubbamootaaf, qulqullaawoma worra hin qabnnee fi worra waan hafuuraa jibbaniif, abba'aa fi haadha worra ajjeesanii fi lubbuu ajjeefttotaaf,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma seerri worra balchootaaf akka hin tumamin hin beenna; seerri worra seera balleessuuf, yakkaameyyi'iif, worra Waaqa malee jiraatanuuf, worra cubbaaleyyi'iif, worra woyyummaa hin qanneef, worra dhugeeffannaa hin qanne, worra abbaa yookiin haadha ijjeesuuf, ijjeettu'uuf,