1 Timothy 2:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dubartooti Waaqa waaqeffanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa'aan ifi seefattuuti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo isiini huji dansa aka nad'eeni aada beetu ha hojattuuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isiin ammoo akka nadheen aadaa Waaqaa beettuu hujii dansaa haa hojjattuutii!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartoonni Rabbiin waaqeffanna jedhan akka ta'utti waan mishaa godhuu malee, shurubbaa dhayachu'uuf, worqi'iin yookaan faaya kabajjama'aa fi uffata gatii gudda'aatiin hin qandhafin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubartoonni Rabbiin hin kaddaamna jedhan akka ta'utti, waan mishaa godhuu malee, shurubbaa dhayachu'uuf, worqi'iin yookiin faaya kabajjama'aa fi uffata gatii gudda'aatiin hin qandhafin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqa ni waaqeffanna dubarttoonni jedhan bifa raawwachuun isaan irra jiru, hujii misha'aan ufi haa bareechisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartooti Waaqa waaqonfanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa'aan ifi seefattuuti.