1 Timothy 2:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ka sanyii namaa duudii wodiisaaf mataa ifii dabarsee kenne isa; isiin tunille yennaa itti te'uu maltetti mirkanootte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ka nafa ufii kenne akasiini nama ch'ufaa baasu. Guyyaani geennaani, dubbi suni ya d'ugeesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
ka nafa ufii nama cufaa kennee akkasiin nama baase; guyyaan sun geennaan namii cuftii dubbii sun ya dhugeesse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka namoota maraa cubbuu jalaa baasu'uuf dabarsee uf kenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka namoota maraa cubbuu jalaa baasu'uuf dabarsee uf kenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoota maraa cubbuu irraa fayyisu'uuf mataa isaa qoricha taasisee ka kenne isa, kun'llee yeroon sirrii ta'e yoo gayutti, ragummaa hujii fayyisummaa Waaqaa hubachiisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka sanyii namaa duudii wodiisaaf mataa ifii dabarsee kenne isa; isiin tunille yennaa itti te'uu maltetti mirkanootte.