1 Timothy 3:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dhossaan dhugeeffannaa teennaa mama tokko malee guddo'oo; tanaaf, “Inni foon uffatee mudhateera, dhugaa akka te'e Ayyaanaan mirkaneeffameera, ergantoota Waaqaatitti mudhateera, kolbaa biyya lafaatiif lallabameera, biyya lafaa duudi'itti dhugeeffatameera ulfinnaan gara ol-gubba'aa fudhatameera” jedhamee himameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami tokoleeni dandae aka aadaani teenna d'ossa qabdu imormu! Inni nafa namatiini d'ufe, aka inni qajeela Lubbuuni himte, malaikaleeni isa agarte. Gosa ch'ufati waan isaa odeesani, lafa keesati isa d'ugefatani, guddinnaani gubbati olfuud'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii tokkolleen akka dhossaan guddoon dhugeeffachaa teenna keessa jirtu danda'ee hin mormu! “Innii akka namaa ta'ee dhufee, akka innii qajeelaa hafuurii himee, ergamtootii Waaqaa isa agartee, gosa cufaatti waan isaa haasaanii, lafa cufa irraatti isa dhugeeffatanii, ulfinaan gubbaatti ol fuudhanii” jedhanii ya himan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dhossaan Rabbiin fakkaachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka fooniin mudhate, ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, ka biyya lafaa keessatti amaname, ka ulfinnaan ol baye.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dhossaan Rabbiin fakkachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka Fooniin mudhate, Ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, Ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, Ka biyya lafaa keessatti amaname, Ka ulfinnaan ol baye.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhossaan amantii keennaa shakkii malee ol aana'aa, inni'llee Waaqinni, «Nama ta'ee ni muldhate, dhugaa ta'uun isaa'llee hafuuraan ni beekkame, maleyikkootatti ni muldhate, ummatoota maraaf ni lallabame, namoonni biyya lafaa irra jiran marrinuu itti ni amanan, ulfinnaan gara sami'ii ol ni deebi'e» ka jedhu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhossaan dhugeeffannaa teennaa mama tokko malee guddo'oo; tanaaf, «Inni foon uffatee mudhateera; dhugaa akka te'e Ayyaanaan mirkaneeffameera. Ergantoota Waaqaatitti mudhateera; kolbaa biyya lafaatiif lallabameera. Biyya lafaa duudi'itti dhugeeffatameera; ulfinnaan gara ol-gubba'aa fudhatameera» jedhamee himameera.