1 Timothy 3:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sooressaan wolde'a kiristaanaa nama komii hin qanne, nama niitii takkattii qofa qabu, nama hagatti le'u, nama ifi qabatu, nama kabajjaa qabu, nama keessummaa fudhatu, nama barsiisuu dande'u,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami suni nama wollaala qabu intahiini; ha niiti toko ch'alla qabaatu, nama qalbi dansa qabu tahu male, ka ufi qorqoratu, adaba qabu, ka amala dansa qabu; inni keessuma bulchu male, namale aka dansa barsiisu male;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jaarsii sun nama wallaala hin qamne, ka niitii tokko callaa qabu, ka qalbii dansaa qabu, ka amala dansaa qabu, ka ufii qorqoratu, ka nama keessummoomsuu fi ka akka dansaa namaallee barsiisuu danda'u ta'uu male;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu tooyataan ka mudaa hin qabne, nama haadha manaa tokkottii qabu, ka uf qabuu fi ka hagatti jiraatu, ka akka barbaadamutti hojjatu, ka keessummaa simatu, ka barsiisuu danda'u,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu tooyataan, ka mudaa hin qabne, nama haadha manaa tokkotii qabu, ka uf qabuu fi ka hagatti jiraatu, ka akka barbaadamutti hojjatu, ka keessummaa simatu, ka barsiisuu danda'u,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf durssaan mana amaniti'ii tokko ka ashaa hin qabnne, hadha worraa takkattii qofa ka fuudhe, hagatti ka jiraatu, mataa ufii ka toowatu, seeraan ka hojjatu, keessummaa simataa ka ta'e, barsiisu'uuf dandeettii ka qabu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooressaan wolde'a kiristaanaa nama komii hin qanne, nama niitii takkattii qofa qabu, nama hagatti le'u, nama ifi qabatu, nama kabajjaa qabu, nama keessummaa fudhatu, nama barsiisuu dande'u,