1 Timothy 3:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma qarqaartoti wolde'a kiristaanaallee worra ulfinna qabu malee, worra arraba lama dubbatu, worra unii fakkansu, worra qarshi'iif joljolu te'uu hin qabanu;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami huji gumi Waaqa hojatu ha adaba dansaafi d'uga qaabaatu; guddo farso d'uge insabdaiini;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii hujii gumii Waaqaa hojjatuu, nama adaba dansaa, nama dhugaa, ka ulfina nama irraa qabu ha ta'uu malee, nama arraba lama dubbatuu, nama horii guddaa argachuu fedhu, nama guddoo farsoo dhugee saabdaa'uun hin ta'inii!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma gargaartonni woldaa kiristaanaa [diyaaqonoonni] worra bilchaate, ka arraba lama hin dubbanne, worra dhuddoo hin hawwine,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma gargaartonni woldaa kiristaanaa [diyaaqonoonni] worra bilchaate, ka arraba lama hin dubbane, worra dhuddoo hin hawwine,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana gargaarttonni woldaya amanti'ii worra kabajamanii fi jecha isaaniitiin'llee ka dhaabatan, daadhii wooyinni'ii baayi'ee ka hin dhuginne, qarshi'iif worra hin haafofinne ta'u qaban,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma qarqaartoti wolde'a kiristaanaalle worra ulfinna qabu malee, worra arraba lama dubbatu, worra unii fakkansu, worra qarshi'iif joljolu te'uu hin qabanu;