1 Timothy 4:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri kun fuudhaa fi heeruma, sagalee akkasiitii fi akkasii nyaatuun dhoogga'a” jedhan. Waaqi ammoo, sagalee tana akka nyaatanuuf dade; worri dhugeeffatuu fi worri dhugaa beekiisaaf dhufe daadimata galataatiin nyaata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri kunini nad'eeni fuud'itiifi sagale gosa gari nyaati fullaaniti jed'a. Ammo Waaqi sagale tana aka, eegi galata deebisani, worri d'ugefate d'uga baratu nyaatufi mid'aase.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii kun, “Nadheen fuudhanii fi sagaleen garii ta nyaataniilleen fulaan” jedha. Waaqii ammoo, sagalee gosa gosaa tanaa akka warrii dhugeeffachaa qabuu fi ka dhugaa beeku nyaatee galata deebisuuf uume.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri sobu kun akka namni wol hin fuune dhooggan; worri amananii dhugaa beekan galata woliin akka fudhatanii hin nyaanne, nyaata Rabbi isaanii uume irraa akka fagaatan godhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri sobu kun akka namni wol hin fuune dhooggan, worri amananii dhugaa beekan galata woliin akka fudhatanii hin nyaanne, nyaata Rabbi isaanii uume irraa akka fagaatan godhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni akkanaa jiran kunniin fuudha ni dhoogan, ka amananii fi namoonni dhugaa beekan'llee isa galateeffata'aa akka soorataniif nyaata Waaqinni isaaniif uume, «Hin nyaatnaa» jedha'aa ni dhoogan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri kun «Fuudhaa fi heeruma, sagalee akkasiitii fi akkasii nyaatuun dhoogga'a» jedhan. Waaqi ammoo, sagalee tana akka nyaatanuuf dade; worri dhugeeffatuu fi worri dhugaa beekiisaaf dhufe daadimata galataatiin nyaata.