1 Timothy 4:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Oduu durii ta beera dulloontee, ta gatii hin qanne hin fudhatin. Addee san leetoo Waaqi fedhuu le'iisaaf ifi leenjisi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo odu duri ta aada Waaqa intahiini, ta nami himu himmalini lagad'u. Jireenna Waaqi fed'u barad'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Oduu durii ta jaarroleen nadheenii mammaattuu fi dubbii warrii Waaqaa hin beenne dubbatu hin caqasinii; jireenna Waaqii sirraa fedhu gula buli!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo tapha xuraayaa adunyaa tanaatii fi oduu dubartoota jaartee irraa fagaadhu; bikka san jireenna Rabbitti tolu jiraachu'uuf tattaaffadhu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo tapha xuraayaa adunyaa tanaatii fi oduu dubartoota jaartee irraa fagaadhu; bikka san jireenna Rabbitti tolu jiraachu'uuf tattaaffadhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqa waaqeffachuun ka keessa hin jirre, seenaa mammaaka biyya lafaa irraa fagaadhu, Waaqa'llee waaqeffachuu mataa kee shaakalsiis.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Oduu durii ta beera dulloontee, ta gatii hin qanne hin fudhatin. Addee san leetoo Waaqi fedhuu le'iisaaf ifi leenjis.