1 Timothy 5:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma ijjoollee guddisiisaan, keessummaa fudhatiisaan, miila kolbaa Waaqaa dhiqiisaan, worra rakkate qarqaariisaan, hujii dansaa mara hujiisaa fi ifi kenniisaan ta gurra dansaa qaddu te'uu qaddi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammalle duri huji dansa hojatte gurra dansa qabaachu malte: niiti ijoolle ufi aka dansa guddifatte, keessuma gololchite, miila gumi Waaqa d'it'e, nama gaargala qabu qarqaarte, ufi baafte, huji dansa ch'ufa hojatte ha taatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee gurra dansaa durii ka hujii dansaa hojjattee qaabaachuu malte; niitii ijoollee ufii akka dansaa guddifattee, keessummaa keessumeesitee, gumii Waaqaa qulqulloo miila dhixxee, nama gaargala qabu qarqaartee, waan dansaa ufi baaftee fi hujii dansaa cufaa hojjatte ta'uu malte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, worra rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana ijoollee akka ta'utti guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, miila worra Qulqullu'uu miicu'uun, worra rakkatan gargaaru'uu fi hujii mishaa kamiin mara hojjachu'uun, hujii mishaa ta'e maraaf'llee, ta hisattu ta'uu qabddi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma ijoollee guddisiisaan, keessummaa fudhatiisaan, miila kolbaa Waaqaa dhiqiisaan, worra rakkate qarqaariisaan, hujii dansaa mara hujiisaa fi ifi kenniisaan ta gurra dansaa qaddu te'uu qaddi.