1 Timothy 5:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammalle isaan hujii malee tee'uu fi mana kanaa kaan labiisa baratan; tana qofa adoo hin te'in, nama hamataa dubbii namaa keessa galaa, waan dubbatu'uu hin malle ka dubbatanu te'an.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle isiini aka woma inhojanne baratte mana ch'ufa iraa yaate waan hasau, himmalini hasoofte ufuma teteete. Tanaafi aka kiyya nad'eeni kaima fuud'u malani, aka ilmaani d'alte worra ufi qorqoratte, aka nyaapi keenna qoomni argate waan hamtu nuuni injenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee isiin hujii malee ufumaa taa'uu barattee, mana cufaa irra yaatee waan haasa'uu hin malin cufa haasoftee ufumaa teteette; akka nyaaphii keenna qoommii argatee waan hamtuu nuun hin jennee, nadheen, ka'ima fuudhuu malan, akka ilmaan dhaltee, warra ufii qorqoratu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hujii hin hujan; mana tokkoo gara mana tokkoo deema'aa waan hin taane dubbata'aa odeessitootaa fi worra hujii hiikan callaa uduu hin ta'in, worra waan namaa keessa galan ta'an malee, worra hujii hiiku calla'aallee miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hujii hin hujan; mana tokkoo gara mana tokkoo deema'aatti waan hin taane dubbata'aa odeessitootaa fi worra hujii hiikan callaa uduu hin ta'in, worra waan namaa keessa galan ta'an malee, worra hujii hiiku calla'aallee miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana hujii malee taa'uu ni baratan, hujii malee taa'uu qofa uduu hin ta'in, mana namootaa irra naanaya'aa ka nama hamatan, dhimma namaa keessa ka aseenanii fi waan dubbachuu hin qabnne ka dubbatan ni ta'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammalle isaan hujii malee tee'uu fi mana kanaa kaan labiisa baratan; tana qofa adoo hin te'in, nama hamataa dubbii namaa keessa galaa, waan dubbatu'uu hin malle ka dubbatanu te'an.