1 Timothy 5:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dubartiin dhugeeffatte takka ammoo, haadha hiyyeessaa maatii ifii keessaa yoo qabaatte, akka isaan wolde'a Kiristaanaatitti ba'aa hin teene qarqaartuuti; wolde'i Kiristaanaa ammoo, dubartoota abbaan manaa irraa du'e, ta ijjumaa qarqaarsa hin qanne qarqaaruu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo niitiini Kristiana nad'eeni d'iirsa inqamne worra ufi keesaa qabaatte, isumaani ha qorqorattu, gumi ingaargalchiini, aka nad'eeni d'iirsa inqamne ta kobaa jirtu qarqaarttu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Niitiin kiristaanaa yo nadheen firaa ta dhiirsa hin qamne mana isii jiraatte, gumii kiristaanaa ta nadheen dhiirsa dhugumaan hin qamne qarqaartu hin gaargalchinii, isummaan ha qarqaartuu!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartiin amante takkaa fi dhiirri amane tokko dubartii abbaa manaa hin qabne maatii ufii keessaa yoo qaabatan woldaa Kiristaanaatitti ba'aa akka hin taane isaan haa gargaaraniinii.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubartiin amante takkaaf dhiirrii amane tokko, dubartii abbaa manaa hin qabne maatii ufii keessaa yoo qaabatan woldaa Kiristaanaatitti ba'aa akka hin taane, isaan haa gargaaraniinii.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubarttiin amanttuu taate takka mana isi'ii titti dubarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'an yoo qabaatte, ba'aa woldaya amanti'ii akka isaan hin taaneef isiin isaan haa gargaarttu, bifa kanaan woldeenni amanti'ii worra gonkumaa gargaaraa hin qabnne dubarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'an gargaaruu ni dandeetti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartiin dhugeeffatte takka ammoo, haadha hiyyeessaa maatii ifii keessaa yoo qabaatte, akka isaan wolde'a Kiristaanaatitti ba'aa hin teene qarqaartuuti; wolde'i Kiristaanaa ammoo, dubartoota abbaan manaa irraa du'e, ta ijjumaa qarqaarsa hin qanne qarqaaruu ti.