1 Timothy 5:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba'aaf, akko'oo fi akaakoo ifiitille'eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji'iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo nad'eeni d'iirsa inqamne ijoolleefi akowaani qabaatte, ijoolleeni suni qara ha aada Waaqa gula worra ufi guutu, kara kanaani worra ufitiifi akowaani ufi galata guddisa baafti, akasi ch'allaani Waaqa gammachiisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nadheen dhiirsa hin qamne, ijoollee yokaan akkoowwan yo qabaattee ammoo, ijoolleen sun qaraa aadaa dhugeeffachaa Waaqaa ha warraa ufiitii guutee ammallee galata guddisaa baaftuufi! Akka akkasiin Waaqallee gammachiiftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ta abbaa manaa hin qabne ammo akkayoota yookaan ijoollee ijoollee ufii yoo qabaatte, isaan maatii ufii biratti Rabbiin kabajjuun akka isaanii beekkamuuf, jasaa maatii ufii deebisuu haa baratanii; kun Rabbiin biratti misha'aa fi ka jaalatame waan ta'eef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ta abbaa manaa hin qabne ammoo akkayoota yookiin ijoollee ijoollee ufii yoo qabaatte, isaan maatii ufii biratti Rabbiin kabajjuun akka isaanii beekkamuuf, jasaa maatii ufii deebisuu haa baratanii; kun Rabbiin biratti misha'aa fi ka jaalatame waan ta'eef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abbaan worraa kamuu dubarttiin abbaan worraa isi'ii irraa du'e ijoollee yookiin ijoollee ijoolle'ee yoo qabaate, ijoolleen tunniin durissanii maatii isaaniitiif ufi eeggannaa taasisuu, maatii isaaniitii fi akaakkayoota isaaniitiif harka deebisu'uuf, dirqama hafuurumma'aa haa baratan, kun'llee waan Waaqa gammachiisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba'aaf, akko'oo fi akaakoo ifiitille'eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji'iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti.