1 Timothy 5:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hamma'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo nami fiit'a ufi inqorqoranne, keesuma abbaafi haad'a isaa, inni ya d'ugefacha lakise, jara ind'ugefannele ingahu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo namii fiixaa ufii faa, keessumattuu abbaa fi haadha ufii faa yo hin qorqorannee, innii ya dhugeeffachaa ufii lakkisee, jara hin dhugeeffatniiyyuu hin ga'u!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra fira isaanii ta'aniif keessumattuu maatii ufiitii ka hin yaanne eennullee yoo jiraate, inni ka amantii ufii gane, nama hin amanne caalaa hama'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra fira isaanii ta'aniif keessumattuu maatii ufiitii ka hin yaanne, eennullee yoo jiraate, inni ka amantaa ufii gane, nama hin amanne caalaa hama'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worra isaatiif, gonkumaa maatii isaa ka dhiyo'ootiif ka hin yaanne, inni amantii isaa ka waakkate, gonkumaa woruma hin amanne caala'atti'llee hamaa hammaata'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hama'a.