1 Timothy 6:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Sababille beesee jaalatuun hidda hammeenna duudi'ii ti. Worri gariin durummaa dhaggatuu halchee, dhugeeffannaa irraa badee qalbii ifii gaddaan laalesseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi jaalalti hori hamenna aka ch'ufaatini d'ufti. Nami gari guddo dureesa tahu fed'e akanaani d'ugefacha iraa bade, gugubate lalefata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkannaatiif jaalaltii horii madda hammeena chufaat; namii garii guddoo dureessa ta'uu fedhee, akkanaan dhugeeffachaa irraa badee, guggubatee laaleffata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Birrii jaalachuun hidda badii maraa waan ta'eef, namni gariin uduu kana hawwan amantii ufii irraa dogoggoranii karaa hedduun uf miidhaniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Birrii jaalachuun hidda badii maraa waan ta'eef, namni gariin uduu kana hawwan amantaa ufii irraa dogoggoranii karaa hedduun uf miidhaniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee ka ta'u jaalalli qarshi'ii, burqaa hammeenna maraa waan ta'eef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababille beesee jaalatuun hidda hammeenna duudi'ii ti. Worri gariin durummaa dhaggatuu halchee, dhugeeffannaa irraa badee qalbii ifii gaddaan laalesseera.