1 Timothy 6:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ka hin duune isa qofa; inni ifa eennulle itti dhiyaatu'uuf hin dandeenne keessa le'a. Nami tokkochille isa hin dhaggine; eennulle isa dhaggu'uuf hin dande'u. Ulfinnii fi hunni bara baraa isaaf te'u! Ameen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami indoone isa ch'alla; inni ifsa nami iti d'ufu indandeenne keesa taa. Nami tokoleeni taka isa ingarre, tokoleeni dandae isa inargu. Ulfinnafi jabeenni ka isaa tahinna, haga hegeri! Amini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ka hin doone, ka ibsee namii itti dhi'aachuu hin dandeenne keessa taa'u isa callaa; namii tokkolleen takka isa hin garre, hegeriillee hin argan. Ulfinnaa fi jabeennii haga jiruu jireennaa isaa ha ta'uu! Ee'e jenne!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka hin duune isa calla'a. Ifa ennullee itti dhiyaatuu hin dandeenne keessa jiraata. Namni tokkollee isa hin argine. Isa arguullee hin danda'u. Ulfinninii fi hunni bara baraan isaaf haa ta'uu Amiin!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka hin duune isa calla'a. Ifa ennullee itti dhiyaatuu hin dandeenne keessa jiraata. Namni tokkollee isa hin argine. Isa arguullee hin danda'u. Ulfinninii fi hunni bara baraan isaaf haata'uu Amiin!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni qoftti ka hin duune, eennu'llee itti dhiyaachuu ka hin danddeenne ifa keessa ni jiraata, isa gonkumaa eennu'llee hin argineen, eennu'llee isa argu'uuniif hin danda'u, ulfinnaa fi huminni bara baraa isaaf haa ta'u! Ameen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka hin duune isa qofa; inni ifa eennulle itti dhiyaatu'uuf hin dandeenne keessa le'a. Nami tokkolle isa hin dhaggine; eennulle isa dhaggu'uuf hin dande'u. Ulfinnii fi hunni bara baraa isaaf te'u! Ameen.