1 Timothy 6:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Garbooleen goottoti isaanii dhugeeffattoota te'ane, lamaanuu woliif Gootta'aan obboleeyyan waan te'aneef, goottota ifii tuffatiisa hin qabanu. Addee san, goottoti isaanii dhugeeffattootaa fi jaalota tajaajila isaanii irraa ka bu'aa dhaggatanu waan te'aneef, ta durii caalaa isaan tajaajilanuu ti. Tana barsiisii gorsi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tisseleeni abbooti ufi ta Kristiana intufatiini maro worri oboleyaantifi. Ammo ha aka dansa hojattufi, wonti akanatiifi hujiini worraa, abbooti worraa ta d'ugefate ta worra jaalatu suni wo baati. Waan kana nama barsiisi, odeesi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo warrii obboleeyyan taateef tisseelleen abbootii ufii ta kiristaanaa hin tuffatinii, ka akka dansaa hojjattuufii, wantii akkanaatiif hujiin warraa, abbootii warraa ta dhugeeffattee warra jaalattu sunii wa baati. Wannii ati barsiiftee dubbachuu malte tana.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii; kanniin barsiisii gorsi.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii kanniin barsiisii gorsi.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bulchitoonni isaanii tajaajiltoota worri ta'an Gooftaa Yesusiin obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin, gonkumaa tajaajila isaanii irraa worri faayiddaa argatan, bulchitoota isaanii ka amanttoota ta'anii fi obboleeyyan isaanii ka jaalataman waan ta'aniif, waan duraanii caala'atti isaan haa tajaajilan. Ati'llee barsiisu'uu fi gorssuu ka qabddu kana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Garbooleen goottoti isaanii dhugeeffattoota te'ane, lamaanuu woliif Gootta'aan obboleeyyan waan te'aneef, goottota ifii tuffatiisa hin qabanu. Addee san, goottoti isaanii dhugeeffattootaa fi jaalota tajaajila isaanii irraa ka bu'aa dhaggatanu waan te'aneef, ta durii caalaa isaan tajaajilanuu ti. Tana barsiisii gorsi.