1 Timothy 6:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nami barsiisa sobaa barsiisaa, jecha sirrii te'e ka Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi ka ittiin Waaqa waaqeffatanuun wolii hin galle yoo jiraate,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami barsiisa d'ibi barsiisu, ka dubbi Aabbo Yeso Kristo ka d'ugatiifi waan aadaani teenna nama barsiiftu didu
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii barsiisa dhibii barsiisu, ta dubbii Aabboo Yesus kiristoo ta dhugaatii fi waan aadaan teenna nama barsiiftu diduu,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eennullee barumsa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta'een ala, ka barumsa addaa barsiisuuf dubbii nagayaa, barumsa Rabbiin sodaachu'uu kana ka hin fudhanne yoo jiraate, inni nama womaa hin beenne ka uf jaju'uun bokoke;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eennullee barumsa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta'een ala, ka barumsa addaa barsiisuuf dubbii nagaayaa, barumsa Rabbiin sodachu'uu kana ka hin fudhanne yoo jiraate, inni nama womaa hin beenne ka,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barsiisa Waaqa dhuga'aa waaqeffachu'uu woliigalaa ka ta'e, dubbii qulqulluu Goftaa keenna Yesus Kristosii dhiisee barsiisa addaa ka barsiisu naminni kum'llee yoo jiraate,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami barsiisa sobaa barsiisaa, jecha sirrii te'e ka Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi ka ittiin Waaqa waaqonfatanuun wolii hin galle yoo jiraate,