1 Timothy 6:5 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wol mormiin worra qalbii hin qanne irraa dhutti, isaan dhugaan waan irraa fudhatanteef dhugeeffannaa karaa karra dhaggatiisaa seyan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle wolmormiti nama qalbi inqamne ka d'uga inqamneeni d'ufti. Worri waan aadaani Waaqa nama duroomsitu seha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii qalbiin isaanii baddee mataan isaanii waan dansaa hin herrenne, ka dhugaa irraa fuudhan, waan yo Waaqaatti dhugeeffatu akkasiin horii argatu ufi seha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra qalbii hin qabne, worra dhugaan irraa fudhatamte, worra Rabbiin sodaachuun isaan keessa hin jirretu isaan keessatti argama. Namoota akkanaa kanniin irraa fagaadhu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
sammuun isaanii ka battaayee fi namoota dhugaan isaan jalaa badeen ka raawwatamu mormmii addaan hin cinne, namoonni akkana kunniin Waaqa waaqeffachuun isaaniif toofittaa qabeenna ittiin argatan fakkaatee, isaanitti ni muldhata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wol mormiin worra qalbii hin qanne irraa dhutti, isaan dhugaan waan irraa fudhatanteef dhugeeffannaa karaa karra dhaggatiisaa seyan.