1 Timothy 6:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri durummaa barbaadu ataabe'etti jigee, tiyyoo gowwummaa heddu'uutii fi halchaa isaan miituutiin, ta isaan balleessituu fi dhidhinsituun qabaman.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo worri dureesa tahu fed'u ilaalacha keesa seene, t'urura daallumatiifi ka d'araa hamtu keesa seenani, ka baditi nama hirkisu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warri durummaa fedhuu ilaallachaa keessa duudeettii, xuruuraa daallummaatii fi dharraa waan hamtuu ta badiitti nama harkiftuun qabamee bada.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri dureeyyii ta'uu barbaadan ammo gara qormaataatii fi gara siibo'oo, akkasuma gara namoota diigu'uutii fi gara waan nama liqimsuu fedha duwwa'aa fi hama'atti kufan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo worri dureeyyii ta'uu barbaadan badi'ii fi diiggamaan waan namoota liqimsuun, ceemsiisuun, waan nama miidhuuf, hawwii gudda'aa fi soba ataabe'ee irratti kufan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dureeyyii ta'u'uuf worri barbaadan garuu qormmaataan ni kufan, hawwii hamaa namoota faayida'aan ala taasisuu fi balleessu ka tasaatiif hammaataa ta'e, woshaadoo baayi'e'een ni qabaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri durummaa barbaadu ataabe'etti jigee, tiyyoo gowwummaa heddu'uutii fi halchaa isaan miituutiin, ta isaan balleessituu fi dhidhinsituun qabaman.