2 Chronicles 1:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi waan Solomonini jed'e, Atini yayu waan dansa fohate. Fulla atini hormaata yokhaani beese. Yokhaani gurra dansa yokhaani badi nyaapa keeti yokhaani bultuma keetile kad'atu, atini beekhaafi qalbi gumi tiyyaa ta anini hayyu iti si tolcheeni fidu kad'atte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Solomooniin, «Durummaa, qabeenna, gurra dhagayachuu yookaan du'a diintota keetii yookaan umurii dheeraa jiraachuu uduu hin taane banii kiyya ka ani irratti si moosise akka misha'atti bulchu'uuf ogumma'aa fi beekumsa waan na kadhatteef;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi Solomooniin, «Ati durummaa, qabeenna, ulfinna yookiin diinoti keeti akka dhumatanu, ifiifuu bara dheeraa akka leetuuyyuu hin gaafanne; ammoo kolbaa tiyya ta ani irratti mootii si godhe akka bulchituuf, qarumma'aa fi beekkumsa akka sii kennuuf waan na gaafatteef,